misryoum

Atileetii Saffisaa Afrikaa, Ferdinaandi Omaniyaalaa waliin wal baraa

Atileetii Saffisaa Afrikaa, Ferdinaandi Omaniyaalaa waliin wal baraa

‘OBN Cyber Media’ Ebla 10, 2018 Atileet Ferdinaandi Omaniyaalaa Atileetii saffisaa Afrikaa jedhamuun beekama. Atileetiin erga dhiyootii as garuu saffisa duraan qabutti deebi’uuf rakkachaa akka jiru, akkuma gara Finfinnee dhufeen himee ture. Finfinneen garuu hawwii meetira 100 sekondii 10 gaditti xumuruu koo kana naaf milkeessiti jedhee haasaa OBN irratti godheen himee ture.

Akkuma hawwes Finfinneen hawwii isaa milkeessiteef, sekendii 9:99’n fiigee xumure. Atileetiin Saffisaa Afrikaa kun eenyudha? Ferdinaandi Omaniyaalaa Keeniyaa Naannoo Bungomaatti dhalate.

Atileetiin kun seenaa atileetola Afrikaa bahaa fiigicha dheeraafi giddu galeessaan beekaman jijjiiruun fiigicha gabaabaan addunyaarratti dorgomaa cimaa ta’ee dhufe. Afrikaa keessaas atileetiin akka Ferdinaandi Omanyaalaatti saffisa qabu akka hin jirres ragaan ba’ameef. Yuunivarsiitii Naayiroobii keessatti barnoota Keemistiriin digirii jalqabaan eebbifameera.

Ferdinaandi Omaniyaalaa jalqaba tapha ‘Rugby’ jedhamu kan jaallatu ta’us bara 2016 keessa dandeettii fiigicha isaa hubachuun gara atileetiksiitti dhufe. Omaniyalaan biyya isaa Keeniyaa, kan kanaan dura fiigicha fageenya dheeraatiin beekamtu, fiigicha fageenya gabaabaatiin addunyaatti beeksise. Fiigicha meetira 100 sa’aatii saffisaa 9.77 Bara 2021 keessa magaalaa Naayiroobiitti fiiguun rikardii Afrikaa fooyyesse.

Rikardiin kun hanga har’aatti isumaan qabameera. Dorgommii ‘Commonwealth’ jedhamu bara 2022tti UK Biroominghaam keessatti meetira 100’n meedaaliyaa Warqee injifate. Kunis waggaa 60 keessatti atileetii Keeniyaa jalqabaa fageenya kanaan warqee ‘Commonwealth’ argate ta’eera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa bara 2022 meetira 100 irratti meedaaliyaa Warqee injifateera. Kana malees fiigicha ulee wal harkaa fuudhuu 4x100m’n garee isaa waliin warqee argamsiiseera. Olompikii Tookiyoo bara 2020 meetira 100 irratti hirmaachuun sadarkaa walakkaa xumuraaf ga’uun seenaa Keeniyaa keessatti atileetii fageenya gabaabaa jalqabaa jedhameera.

Dorgommii Diyaamandi Liigii gurguddoo addunyaa irratti hirmaachuun atileetota beekamoo akka ‘Fred Kerley’ fi ‘Noa Lyles’ waliin dorgomuun injifannoo argateera. Ferdinaandi Omaniyaalaa’n Atileetii ilaalcha Afrikaanonni fiigicha gabaabaa hin danda’an jedhu cabsuun dargaggoonni gara dorgommii kanatti akka dhufaniif karra saaqe. Addunyaa irratti atileetota meetira 100 sekendii 10 gadi fiigan keessaa isa tokko ta’uu danda’eera.

#Sport #Athletics #OBN

Back to top button